ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessaa loltoonni Bilxiginnaa haala dura barameen olitti ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti darbachuu hammeessanii jiru.
Aanaa Algee Saachii ganda Coqorsaaf Dooyyuu fi aanaa Daarimuu ganda Gungummii jedhamu irraa Amajjii 12, 2025 ergamtoonni ilmaan Oromoo dararuuf qofa bobbaafaman loltoonni koloneel Abiy Ahimed jiraattota maqaan isaanii:
- Addisuu Sambii fi
- Xahaa Mahaammad
jedhaman badii tokko malee osoo isaan hojii dhuunfaa isaanii hojjetachuuf deemaa jiranii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen namoota nagaa siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

