ONM-ABO Sadaasa 2, 2024
Loltoonni Bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan ilmaan Oromoo addaan dhiibuu akkuma baranitti ittuma fufuun hawaasa Oromoo kutaa fi lagaan qoqqoodanii wal jibbisiisuuf kan kaayyeffatan yoo ta’u, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Algee Saachii fi godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee riqichi walqunnamsiisu loltoota bilxiginnaan addaan cituun ibsamee jira.
Ilmaan Oromoo kutaa fi lagaan osoo wal hin qoodin haala mijataa fi hin mijanne keessatti wayita gannaa illee gamaa gamanaa osoo bishaan guutuun hin daangessin walitti ce’uun hariiroo hawaasummaa isaa tikfatee har’a kan ga’eedha.
Faallaa kanaa immoo loltoonni bilxiginnaa waliin jireenyi ilmaan Oromoo kan ija gubuu fi boqonnaa dhorku godina Iluu Abbaa Booraa keessaa aanaan Algee Saachii fi godina Lixa Wallaggaa jalaa ammoo, aanaan Sayyoo Noolee walitti ce’anii gabaa hin dhaabbanneef shira kutaa fi lagaan adda qooduun torban darbe keessa riqicha laga Balballii jedhamu kan aanaalee lameen gidduutti argamuu fi walqunnamsiisu addaan kutuun ilmaan abbaa tokkoo gargar dhorkaa jiraachuu jiraattonni aanaalee lameenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaanii kennaniiru.
Jiraattonni aanaa Sayyoo Noolee riqichi aanaalee biroo waliin wal quunnamsiisu loltoota sirnichaan addaan cituun kan jalqabaa kan hin taane ta’uu fi ji’oota darban keessa riqicha aanaa Daarimuu waliin isaan wal quunnamsiisu addaan cituu himuun, kun immoo yeroo 3’ffaaf itti yaadamee harka lukkeelee bilxiginnaan ilmaan Oromoo addaan qooduuf kan kaayyeffate ta’uu ibsan.
Ergamtootni Bilxiginnaa “Waraanni Bilisummaa Oromoo nutti as ce’a” jedhanii sodaachuun hariiroo hawaasummaa uummataa addaan kutuun rakkoon humnaa olii hawaasa irra gahaa jiraachuu dubbataniiru.

