ONMABO Adooolessa 10, 2024
Kaayyoon caasaa bilxiginnaa uummata Oromoo nagaan waliin jiraatu shiraa fi holola adda addaa oofuun kutaa fi lagaan gargar qoodanii hawaasa Oromoo wal nyaachisuun bu’aa siyaasaa irraa argachuuf jecha ifaajaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti loltoonni impaayera Itoophiyaa uummanni Oromoo akka walitti hin ceeneef gargar ittisaa jiraachuun ibsameera.
Uummanni Oromoo Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee fi aanaa Daarimuu akka walitti ce’ee hawaasummaa isaa waliin hin geggeeffanne karaa lamaan isaanii ittiin walitti ce’an laga Meexxii jedhamu irratti loltoota sirnichaa baay’inaan qubachiisuun uummata dararaa jiraachuu jiraattonni onichaa ibsan.
Kanumaan walqabatee, Adoolessa 6, 2024 dargaggoo maqaan isaa Naasiroo Shifarraa jedhamu osoo inni gara fira isaatti deemaa jiruu “maaliif as ceete? Maal gochuu dhufte?” jechuun reebicha hamaa irratti raawwatanii yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu isaa jiraattonni kun itti dabaluun ONM’tti himan.

