Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota Godinalee Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee fi Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu akka walitti hin ceeneef addaan qoodanii garmalee dararaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Waraanni impaayera Itiyoophiyaa Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee fi Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu kan daangessu Laga Somboo jedhamu qarqara qubachuun jiraattonni godinaalee kanneenii lamaan walitti ce’anii jireenya hawaasummaa akka waliin hin geggeeffanneef irra deddeebiidhaan adda ittisanii obboleeyyan ilmaan Oromoo walitti diinomsuuf tattafachuu cimsanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma kanaan, Bitootessa 17, 2025 jiraattota godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Gungummii fi Coqorsaaf Dooyyuu kan ta’an, dhimma dhuunfaa isaaniif osoo gara Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee deemaa jiranii ergamtoonni sirnichaa qarqara Lagichaatti eeggachuun badii tokko malee reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda ukkaamsuun aanaa Sayyoo Noolee geessuun waajjira poolisii magaalaa Dabbasootti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himananii jiru.

Namoonni hidhaman kunneen baay’naan 6 yoo ta’an, isaan keessaas kan maqaan nu ga’e:

  1. Badiruu Imaamuu fi
  2. Geetaachoo Dingataa kanneen jedhaman ta’uun eeramee jira.
Exit mobile version