Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Riqichi Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu fi Godina Wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo Noolee wal quunnamsiisu yeroo lammataaf loltoota Bilxiginnaan addaan cituun himame

ONM-ABO Sadaasa 29, 2024  

Loltoonni bilxiginnaa gama isaaniif dandaa’ame maraan ilmaan Oromoo addaan dhiibuu akkuma baranitti ittuma fufuun hawaasa Oromoo kutaa fi lagaan qoqqoodanii wal jibbisiisuuf   riqicha godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu fi godina Wallagga Lixaa aanaa Sayyoo Noolee wal quunnamsiisu addaan kutanii jiraachuun ibsamee jira.

Ilmaan Oromoo kutaaf lagaan osoo wal hin qoodin haala mijataa fi hin mijanne keessatti wayita gannaa illee gamaa gamanaa osoo guutinsi bishaanii fi dhoqqeen namatti maxxanu hin daangessin walitti ce’uun hariiroo hawaasummaa isaa tikfatee har’a ga’ee jiraachuun ni beekama.

Faallaa kanaa ammoo loltoonni Bilxiginnaa waliin jireenyi ilmaan Oromoo ija isaan gubuu fi boqonnaa dhorku godina Iluu Abbaa Booraa keessaa aanaan Daarimuu fi godina Wallagga Lixaa jalaa ammoo, aanaan Sayyoo Noolee walitti ce’anii jireenya hawaasummaa waliin akka hin geggeeffanneef kutaaf lagaan adda qooduun torban darbe keessa yeroo lammataaf riqicha laga Walajee jedhamu kan aanaalee lameen gidduutti argamuu fi walqunnamsiisu irra deebiin addaan kutuun ilmaan abbaa tokkoo gargar dhorkaa jiraachuu jiraattonni aanaalee lameenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf yaada isaanii kennanii jiru.

Jiraattonni aanaa Sayyoo Noolee riqichi aanaalee biroo waliin wal quunnamsiisu loltoota sirnichaan addaan cituun kan jalqabaa kan hin taane ta’uu fi ji’oota darban keessa riqicha aanaa Algee  waliin isaan walqunnamsiisu addaan cituu himuun, kun immoo yeroo 2’ffaaf itti yaadamee harka lukkeelee Bilxiginnaan ilmaan Oromoo addaan qooduuf kan kaayyeffatameedha, “Waraana Bilisummaa Oromoo nutti as ceessisa” jedhanii sodaachuun hariiroo hawaasummaa isaanii addaan kutuun rakkoon humnaa olii irra gahaa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version