Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni fi kaabinoonni Bilxiginnaa hawaasni godinaalee Wallagga Lixaa fi Iluu Abbaa Booraa akka walitti hin ceeneef riqicha addaan kutan

ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024  

“Waraana Bilisummaa Oromoo nutti ceesisa” maqaa jedhuun sodaatanii lukkeelee fi kaabinoonni PP kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa hawaasni walkeessa akka hin deemneef riqicha addaan kutuun hawaasa Oromoo godinatti addaan qoqqoodanii hariiroo dhiigummaa isaa gara diinummaatti hojjechaa jiru. Yeroo ammaa kanas hawaasni godinaalee Lixa Wallaggaa fi Iluu Abbaa Booraa akka walitti hin ceeneef riqicha addaan kutanii jiraachuun ibsameera.

Torban darbe keessa riqicha laga Walajee jedhamu kan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu fi Wallagga Lixaa aanaa Sayyoo Noolee gidduutti argamu loltoonni bilxiginnaa fi kaabinoonni caasaa gandaa haarawwaa ta’anii ramadaman riqicha addaan kutuun akka hawaasni walitti ce’ee hariiroo hawaasummaa waliin hin qabaanne gochuun uummatichi rakkoo hamaa keessa akka seenu taasisanii jiraachuu  jiraattonni aanota kanneenii ONM’f addeessan.

Akka maddeen himanitti, “uummanni Wallaggaa gara aanaa Daarimuutti ce’uun hin barbaachisu” jechuun uummata walga’ii baasanii yoo dubbatan namni ajaja isaanii cabsee argame rasaasaan akka rukutamee du’u himan. 

Gochi Bilxiginnaa uummata dhiiga tokkoo fi hiree tokko qabu addaan isaan qoodee yeroo ammaa gamaa gamanatti walitti deemuun rakkisaa ta’ee firoonni addaan citanii jiraachuu jiraattonni aanaalee lameenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version