Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaalee Godina Baha Wallaggaa hedduu keessatti gidiraan uummata irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni himatu

ONM-ABO Sadaasa 29, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma argan hawaasa nagaa bakka hojii isaa irraa qabuun mana hiraarsaatti darbachuun yoo fedhan qarshii guddaa gaafachuun dinagdeen quucarsaa, yoo fedhan immoo gara leenjii waraanaatti geessuun gama kaaniin ammoo dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachaa jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa gandoota adda addaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii kan turan namoota baay’inaan 45 ol ta’an waajjira poolisii aanichaa keessaa baasuun humnaan waraqaa fi kobbee itti kennuun leenjisaa kan jiran ta’uu maddeen itti dhiheenyaan beekan himan.

Aanicha guutummaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa manneen amantaa adda addaa irra deemuun hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun abbootii amantaa illee doorsisaa fi hidhaa jiraachuunis ibsameera.

Dabalataan Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaatti Wiixata darbe waraanni sirna dhableeyyiin Bilxiginnaa afaan qawween uummata doorsisanii waltajjii baasuun WBO balaaleffadhaa, nyaatas kennuufiin itti iyyaa jechuun dirqamsiisaa turuun beekameera.

Yoo ajaja nuti isin dirqamsiisne kana raawwachuu diddan isin ajjeesna, ganda kana keessas jiraachuu hin dandeessan fi seelii diinaa waliin hariiroo qabaachuu keessaniif jireenyi keessan manneen hidhaa akka ta’us hubadhaa jechuun akeekkachisa itti laachuun ibsameera.

Ittuma fufuun Kutaalee Oromiyyaa cufa keessaa yeroo garaa garaatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata Oromoo gama isaaniif danda’ame maraan hacuucuu kan amaleeffatan yoo ta’u, aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkee jedhamu irraa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Sulxaan Aammaduu jalaa horii 4,
  2. Obbo Abdii jalaa qarshii kuma digdama (20,000) fi
  3. Obbo Zakkoo Abdoo jalaa qarshii kuma kudha sagal (19,000) saamuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Kana malees aanaadhuma kana ganda Badhoo jedhamu keessaa Sadaasa 18, 2024 irraa eegaluun milishootaa fi kaabinoota sirnichaatiif guyyaa guyyaan namni tokko biddeena ija shan shan akka dhiyeessan dirqamsiisaa jiraachuu fi namni hin dhiyeessine ammoo qarshii 600 adabamtu jechuun hawaasa kokkee qabaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Akka maddeen himanitti, aanicha keessatti maatii qabsaa’otaa hidhuu, doorsisuu fi reebicha irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version