ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni Bilxiginnaa akkuma fedhan bobbaafamuun dinagdee ilmaan Oromoo illee quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa itti tarreessuun maallaqa irraa funaananiin alatti qabeenya uummata nagaa saamaa fi barbadeessaa jiru.
Torban darbe irraa eegaluun aanaa Daarimuu gandoota hundarraa ergamtoonni sirnichaa rifaatuu tokko malee gara jabummaa guddaan maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun saamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo maqaa “buusii dhaabaa” jedhuun maallaqa humnaan hawaasa irraa walitti qabataa jiru. Aanaa Daarimuu kanatti kaffaltii sadarkaa olaanaan qarshii 10,000 yoo ta’u, gadaanaan immoo qarshii 400 akka kaffalaniif dirqisiifamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, waraanni faashistii Abiy Ahimed aanicha keessatti garmalee bobbaafamuu himuun, qarshii hanga jedhan afaan qawwee itti qabanii guurrataa waan jiraniif rakkoon hammaachuun jiraattonni aanichaa yaaddoo guddaa keessa galanii jiraachuu ibsu.

