ONM-ABO Sadaasa 23, 2024
Karaa ittiin uummata Oromoo saamanii dinagdee isaa harkatti quucarsan tooftaa garaa garaa kalaqachaa kan oolan ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed, tibba kana ammoo goleewwan Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa leenjii waraanaa jedhuun hawaasa nagaa ukkaamsuun maallaqa guddaa irraa saamaa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti sababoota hedduu itti dhahuun uummata saamaa turuun ni beekama. Yeroo ammaa kana ammoo maqaa leenjii waraanaa jedhuun namoota nagaa ukkaamsuun maallaqa guddaa irraa saamaa kan jiran yoo ta’u, ganda Kobiree Dhagaa Gurraa jedhamu irraa Sadaasa 20, 2024 nama maqaan isaa Mizbaa Abdulkariim jedhamu osoo inni gara magaalaa deemaa jiruu milishoonni sirnichaa ukkaamsuun qarshii kuma dhibba tokko (100,000) gaafatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, Mizbaa dabalatee jiraattonni ukkaamfaman kanneen maqaan isaanii adda hin baane lakkoofsaan kudhanii ol akka ta’anii fi hundi isaanii iyyuu kaffaltii maallaqa wal fakkaataa gaafatamanii jiraachuu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa uummata haala kanaan dararaa jiran milishoota sirnichaa kan ta’an namoota maqaan isaanii Abdusalaamii fi Muusaa kanneen jedhaman ta’uu dubbatu.
Kana malees maqaa kaffaltii buusaa gonofaa fi inshuraansii fayyaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 4000-5000 guuraa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

