Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Kombolchaatti ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota maqaa leenjii waraanaa jedhuun ukkaamsanii hidhuun maallaqa irraa saamaa jiraachuun himame

ABO-ONM Amajjii 8, 2025 

Baha Harargee aanaa Kombolchaa bakkeewwan addaa addaatti lukkeeleen impaayera moofaa suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattotatti maqaa garaa garaa itti maxxansuun yakkanii gochoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, torban darbe keessa araddaa Raaboo jedhamu keessaa dargaggoota hedduu maqaa leenjii waraanaa jedhuun erga ukkaamsanii booda maallaqa hedduu irraa saamaa kan turan ta’uu jiraattonni araddaa kana irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoonni saamaman kunneenis:

  1. Annawaar Hasan Yuuyyaa qarshii 10,000,
  2. Kaamiil Kadir Muummee 10,000,
  3. Mohaammad Suufiyaan 5000,
  4. Ahammaddiin Abdallaa 10,000  
  5. Bakrii Abdallaa 10,000 
  6. Marwaan Abdii qarshii 5000
  7. Ahimad Abraahim qarshii 5000
  8. Hamzaa Mohammad qarshii 5000
  9. Riyaad Jamaal qarshii 5000
  10. Abdu Samad Ahimad qarshii 5000
  11. Jaafar Jibroo qarshii 500 irraa saamanii kan jiran ta’uun eeramee jira.

Saamicha kanas adda durummaan raawwachaa kan jiru bulchaa araddichaa duraanii akkasumas, yeroo ammaa kana ammoo ajajaa milishaa kan ta’e, nama maqaan isaa Muktaar Sheekoo jedhamu ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version