Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Beddelleetti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 10, 2024

Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaa impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira. 

Haaluma kanaan, Godina Buunnoo Beddellee aanaa Beddelleetti ergamtoonni bilxiginnaa uummata saamuun jireenya namootaa balaaf saaxilaa jiru.

Aanaa Beddellee keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti waamuun yeroo yerootti qarshii hedduu kan guurratu waraanni saamtuu impaayerichaa, yeroo ammaa kana immoo maqaa “caasaa gandaa haarawwaa aanaa irraa gara gandaa dhufaniif waan isaan barbaachisu hunda guunna” jedhuun nama tokko irraa qarshii hedduu dirqamaan guuruu fi isa guuran sanaan immoo namoota caasaa ganda haarawwaa ta’anii dhufaniif horii qalanii nyaachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Exit mobile version