Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti ergamtoonni Bilxiginnaa wal hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Ergamtoonni PP yeroo adda addaatti maqaa wal balleessuu fi rakkoo keessoo isaaniitti dhalatuun walii isaaniitiin walitti gara galuun wal hidhaa, wal ajjeesaa, wal reebaa fi dararaa hamaa wal irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Ergamtoonni Bilxiginnaa walii isaaniin wal shakkuun rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi sababoota garaa garaa wal irratti wabeefachuun kutaalee impaayerattii mara keessaa hidhaa hanga ajjeechaatti wal irraan ga’aa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas aanaa Beddellee ganda Urgeessaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Girmaa Abarraa Alamuu jedhamu bulchaa gandichaa kan ta’e Sadaasa 14, 2024 maqaa “ilma kee gara leenjii waraanaatti erguu didde” jechuun lukkeeleen faashistii Abiy Ahimed walii isaaniin wal yakkuun hidhaatti wal darbatanii wal dararaa jiraachuu keessa beektonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa yeroo ammaa kana hedduminaan walii isaaniitii wal dararaa kan jiranii fiakkuma guutuu impaayerattiitti wal gaareffannaan dachaan dabalaa dhufuun baramee jira.

Exit mobile version