ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Loltoonni maafiyaan impaayerattii yeroo adda addaatti qoqqooddaa sanyii irraa kan ka’ee fi jibba garaatii waliif qabaniin maqaa wal balleessuun rakkoo keessoo isaaniitti dhalatuun walii isaaniitiin walitti garagaluun wal hidhaa, wal ajjeesaa, wal reebaa fi dararaa hamaa wal irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Qellam Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti loltoonni Bilxiginnaa walii isaaniin ajjeechaa wal irratti raawwatanii jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Qaaqee jedhamu irraas loltoonni Bilxiginnaa walii isaaniin wal shakkuun rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi sababoota garaa garaa wal irratti wabeefachuu fi hidhata qaamolee siyaasaa biroo qabdaan wal shakkuun guyyaa guyyaan wal dararaa kan oolan yoo ta’u, Gurraandhala 14, 2025 lola gidduu isaaniitti dhalateen walii isaaniitiin wal yakkuun rasaasa walitti roobsanii ajajaa dhibbaa 1 fi miseensota Raayyaa Ittisa Impaayerattii baay’inaan 3 ta’an battalatti ajjeesanii jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Loltoonni sirnichaa yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa reebichaa hanga ajjeechaatti wal irratti raawwachuun hanga Koloneela isaanii ajjeesuutti kan ga’an yoo ta’u, yeroo ammaa kanas akkuma guutuu impaayerattiitti walgaareffannaan gidduu isaaniitti dhalatu gubbaatii hanga gadiitti dachaan dabalaa dhufuun baramee jira.

