ONM-ABO Sadaasa 2, 2024
Naamusa waraanaa tokkollee kan hin qabne waraanni maafiyaa impaayerattii fedhii Abiy Ahimed guutuuf bobbaafaman rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi amala fafummaa agarsiisaa oolaniin waliima isaaniin walitti gala galuun lubbuu walii isaanii balleessaa kan jiran yoo ta’u, godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadiitti lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen walii isaaniin ajjeechaa wal irratti raawwachuun baramee jira.
Aanaa Daallee Sadiitti torban darbe keessa milishoonni bilxiginnaa araada shamarran gudeeduu qaban aadaa fi safuu waraanaa akkasumas hawaasaa cabsanii sagaagalummaaf dubartii irratti wal loluun lubbuu walii isaanii balleessuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, waraanni nama nyaataan PP gubbaa hanga gadiitti afaan qawween shamarran doorsisuun gudeedanii sagaagalummaa kan mi’eeffatan ta’uu himuun, magaalaa aanichaatti milishonni osoo hin hafne dubartii irratti wal loluun waliin wal irratti dhukaasanii milishaa maqaan isaa Abdataa Sulxaan jedhamu torban darbe keessa ajjeesanii gatuu fi yeroo adda addaatti ergamtoonni bilxiginnaa rakkoo keessoo isaaniitti uumamuuf waliigaltee dhabanii walitti deebi’uun walii isaaniin wal fixaa jiraachuun ni beekama.

