Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Doobbaatti ergamtoonni bilxiginnaa walii isaaniin wal hidhanii jiraachuun ifoome.

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024 

Waldhabdee keessoo isaaniitti uumamuu fi sababoota garaa garaan ergamtoonni bilxiginnaa dararaa hamaa wal irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, hidhaa hanga ajjeechaatti wal miidhaa jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti ergamtoonni Bilxiginnaa walii isaaniin wal hidhanii jiraachuun ifoomeera.

Torban lama dura aanaa Doobbaa magaalaa Doobbaatti kaabinoonni PP maqaa “gibira marsaa lammaffaa irra deebi’aa guuraa” jedhuun kaabinoota isaanii yeroo ajajan “marsaa tokko guurree jirra; lammaffaa hin guurru” jechuun  didan. Kana sababa godhachuun kaabinootni hedduun qabamuun waajjira poolisii aanichaatti darbatamanii dararamaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Ergamtootni Bilxiginnaa walii isaaniitii illee nagaa waliif kan hin qabne yoo ta’u, kaabinoonni Bilxiginnaa magaalaa Doobbaa irraa kanneen maqaan isaanii:

  1. Masfinee,
  2. Kookobee fi
  3. Adam Mahaammad jedhaman qaamolee Bilxiginnaan yakkamuun guyyoota kudha shaniif wal dararaa jiru.

Kaabinoonni PP akka namoonni kun hidhaman taasisan kaabinoota maqaan isaanii Mikaa’el bulchaa aanichaa fi Mahaammad Ahimad itti gaafatamaa waajjira galii yoo ta’an, ergama dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuuf qabatanii bobba’aniin miseensa isaanii yaada isaaniitti walii galuu didan irratti reebicha ulfaataa fi hidhaa raawwachaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version