ONM-ABO Hagayya 29, 2024
Dinagdeen impaayerattii kufuu hoggaa baran kutaalee Oromiyaa cufa keessatti maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun loltoonni sirnichaa ilmaan Oromoo afaan qawween saamuun dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti ergamtoonni bilxiginnaa milishaa fi riphee lolaa jedhaman maqaa “deggersa raayyaa ittisa impaayerattii ” jedhuun jiraattota irratti saamicha raawwataa jiraachuun ibsame.
Aanicha araddaa Tokkummaa Jaalalaa jedhamutti yeroo ammaa kana manaa manarra deemuun afaan qawwee itti qabanii nama tokkorraa qarshii 380 maqaa “deggersaa” kanaan saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees, namoota qarshii jedhame kaffaluu didan immoo hidhanii qarshii 500 irraa fuudhanii gadi lakkisaa jiraachuu fi yeroo adda addaatti kaffaltii waliin isaa hin beekamneen hawaasa nagaa saamuu itti fufanii jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

