Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Gammachiisitti lukkeeleen Bilxiginnaa wal hidhuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

Dhiigni lammiilee qulqulluu sirnichi guyyuu dhangalaasu nagaa fi boqonnaa isaan dhorkuun wal irratti isaan kakasee ajjeechaa fi hidhaan akka wal adaban taasisaa kan jiru  qaamoleen sirnichaa caasaalee olaanoo qabee hanga gadiitti wal gidirsuu irratti fuulleffatanii jiru.

Aanaa Gammachiis ganda Geegiyyaa jedhamu irraa torbee darbe keessa milishoonni Bilxiginnaa baay’inaan 2 ta’an gareema isaaniin ukkaamfamanii hidhamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Milishoonni kunneen maqaan isaanii; Abdulfattaa fi Abdallaa Golamuudaa kanneen jedhaman yoo ta’an, ergamtoonni akkuma isaanii Bilxiginnaaf ergamaa jiran shakkii waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun hidhanii hiraarsaa jiraachuus dubbatu.

Araddaa kana malees, akkuma aanichaa fi impaayerattiitti ergamtoonni Bilxiginnaa walii galtee dhabuun wal rakkisanii wal hidhuu, wal reebuu, wal ajjeesuu, wal saamuu fi achi buutee walii isaanii dhabamsiisuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version