ONM-ABO Muddee 21, 2024
Mooraan murna Bilxiginnaa jibbiinsi sanyummaa fi seerdhablummaan keessatti dagaage yeroo adda addaatti walii isaaniif illee naasuu tokko dhabuun akka saree maraatteetti qarriffaan wal nyaachuun guyyuu wal ajjeesuu fi wal madeessuu itti fufaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Cirrattii cinatti kan argamtu mooraa waraana faashistii PP iddoo addaa Boorkanna/ Muluqqee jedhamuun beekamutti Muddee 16, 2024 milishoonni sirnichaa magaalaa Cirrattii irraa gara buufata waraana PP Boorkanna deemanii fi milishoonni duraan Boorkanna iddoo jedhamu turan ganama sa’a 4:00 irraa eegaluun dhukaasa walii isaanii irratti hanga sa’a 6:00’tti bananiin namoota hedduu wal irraa ajjeesanii gariin ammoo madeessuun himameera.
Akka jiraattotni naannaa Boorkanna sana jiran jedhanitti, sababa milishoonni sirnichaa magaalaa irraa dhufanii fi dur Boorkanna turan kun wal lolaniif rakkoo isaan gidduu jiru ta’uu fi sababa kanaanis dhukaasa walii isaanii giddutti sa’a 2:00’f geggeeffameen namootni hedduun du’uu fi madaa’uun barameera.

