Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo aanoota Daawaa Caffaa fi Harxummaa Fursee keessatti sarbamiinsi miga namoomaa raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 21, 2024

Rakkoon Imphaayera Itoophiyaa keessatti uummanni Oromoo keessa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti, hireen isaanii ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi buqqaatii yoo ta’u, ilmaan ishee  yeroo ammaa dachee abbaa isaanii irratti wabii jireenyaa dhabuun nagaan ba’anii galuunuu yaaddoo guddaa itti ta’ee jira.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Madiinee keessatti Kibxata Adoolessa 16, 2024 milishoonni sirnichaa qe’ee jiraattotaatti marsuun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun dhukaasa gandicha keessatti ganama sa’a 2:00 irraa eegaluun hanga galgala sa’a 10:00 ‘tti qe’ee hawaasaa keessatti dhukaasaa oolaniin qabeenyaa jiraattotaa hedduu mancaasuun,  dargaggoo Aliyyii Ahimed Callaa jedhamu miilla isaa irra rukutaniiru. Iddoo inni madaa’ee ciisuttis reebicha ulfaataa irratti raawwachuun yaala osoo hin argatin mana hidhaatti galchanii dararaa agarsiisaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru. 

Guyyuma kana ganduma Madiinee keessaa namoota maqaan isaanii Aliyyii Ahimed Annee, Usmaan Zubeer, Indirroo Abduu fi Nuuraa Husseen Aliyyii jedhaman qabuun reebicha cimaa ta’e erga irraan ga’aniin booda saanduqa isaanii dirqiin bansiisuun maallaqa isaanii fi bilbiloota harkaas irraa fudhachuun isaaniin ammoo magaalaa Kamiseetti hidhaniiru jechuun jiraataan ganda Madiinee tokko ONM’tti himeera. 

Oduu hidhaan wal qabatu biraan Adoolessa 20, 2024 aanaa Harxummaa Fursee ganda Awwaaraa fi Goohaa keessaa milishoonnii fi waraanni faashistii PP waliin ta’uun namoota nagaa hojii qonnaan ofii fi maatii isaanii jiraachisan deggartoota WBO’ti ittiin jechuun Abduu Aliyyee Imaamaa ganda Awwaaraa irraa, Mahaammad Adoo fi Mahaammad Zeenee ganda Goohaa irraa reebicha hamaa irratti geggeessuun mana hidhaatti darbataniiru.

Dabalataanis godinichuma aanaa Dawwee Harawaa keessatti Adoolessa 15, 2024  guyyaa gabaa magaalaa Haarawaa, milishoonni sirnichaa namoota wantoota  adda addaa gurguran bira deemuun faayaalee Alaabaa Oromoo agarre ittiin jechuun mi’a namootaa caccabsuun namoota hedduus uleedhaan tumaa turuu jiraattotni magaalichaa dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version