ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Qaamolee siyaasaa biyyoota oollaa fi impaayerattii keessa jiran waliin walii galee uummata tasgabbiin bulchuu irra, ofii isaaf burjaaja’ee uummata nagaan jireenya isaa jiraatu burjaajessaa kan oolu murni garboomfataan PP, waraana isaa maaliif akka meeshaa baatu hin beekne uummata nagaatti bobbaasee yeroo irraa gara yerootti Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuun saba Oromoos jeequmsa siyaasaa fi dinagdeen akka waxalamuu fi qe’ee irraa buqqa’uun jiruu godaansaaf saaxilaman taasisaa jira.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Issooyyee Guulaa keessatti Fulbaana 20, 2024 milishoonni PP dhukaasa hawaasa nagaa irratti banuun miidhaa geessisuun, saamicha qabeenyaas raawwachuun dhagaa’ameera.
Fulbaana 20, 2024 ganama sa’a 1:00’tti milishoonni sirnichaa ganda Issooyyee Guulaa jedhamutti marsuun maqaa warri gandoota kanneenni deggartoota WBO’ti jedhuun dhukaasa uummata nagaa irratti bananiin qabeenyaa namoota maqaan isaanii adda hin ba’in loon 3 dabalatee miidhaa irraan geessisuu fi namoota hedduu reebuun bilbiloota harkaas irraa saaman.
Namoonni saamichi kun irratti raawwates Abduu Mahammad bilbila guddaa, Ahimed Huseen bilbila guddaa fi xiqqaa, Abdul Wahaab bilbila guddaa, Mahaammud Ahimadee bilbila guddaa harkaa fudhachuun isaan irrattis reebicha ulfaataa raawwataniiru.
Umar Nuuraa Ahimed ammoo mana inni ooyiruu isaa keessatti ijarratee keessa jiraachaa ture mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessaniiru.
Dhukaasa uummata nagaa irratti banan kanaanis namoonni 20 ol ta’an baqachuun yeroo gabaasni kun qindaa’etti eessa akka ga’an hin baramin jiras jedhu.
Lukkeelee bilxiginnaa ta’uun namoonni adda durummaan uummata irratti gochoota badii dalagsiisaa jiran milishoota maqaan isaanii:
- Muhee Nuuruu,
- Abdulqaadir Ahimed Callaa fi
- Ahimed Abbabee,
Kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni gandichaa dabaluun ONM’tti himaniiru.

