ONM-ABO Sadaasa 16, 2024
Akkuma abboota isaanii darbanii afaan tokko, aadaa tokko, biyya tokkoo fi amantii tokko ijaaruu warreen barbaadan leellistoonni sirna moofaa durii hidhattootni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo Amaaraan wal daangessan mara irratti geggeessaa jiraniin lubbuun namoota hedduu haala suukaneessaan darbuu, madaa’uu, qe’een irratti gubachuun barbadaa’uu fi qabeenyaan isaanii saamamaa jiraachuun beekamaadha.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Tuchee jedhamutti Sadaasa 13, 2024 dhukaasa hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon riphanii qe’ee hawaasaatti ba’uun hawaasa nagaa irratti dhukaasa bananiin jiraataa ganda Tuchee kan ta’e namni maqaan isaa Ahimed Abduu jedhamu madaa’ee yeroo ammaa hospitaala magaalaa Kamisee keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Godinichuma aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti Sadaasa 7, 2024 hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun riphanii daandiitti ba’uun loon Haadha Amuu Umar kan baay’inni isaanii 15 ta’an osoo ijoolleen ganna 10 fi 12 ta’an tiksanii galchaa jiranii dhukaasa irratti banuun erga ijoollee biraa ari’aniin booda loon kanneen saamanii ooffatanii deemuun barameera.
Akka jiraattotni jedhanitti, godina Walloo aanaalee adda addaatti humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun riphanii daandii irratti ba’uun hawaasa irraan miidhaa ulfaataa lubbuu namaa galaafatuu fi saamicha qabeenyaa raawwachaa jiraachuu yoo dubbatan, yeroo hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraan kun uummata nagaa irratti dhukaasa banuun lubbuu namootaa galafatanii fi qabeenyaas nu jalaa saaman kana, qaamni biyyan bulcha ofiin jedhu Bilxiginnaan birmannaa nuuf taasisuun isaa hafee milishootaa fi waraana seerdhablee isaa qe’ee keenyatti bobbaasuun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun dhiittaa mirgoota namoomaa garaa garaa nu irratti raawwachaa jiru jechuun kan dubbatan jiraattota godina Walloo aanaalee garaa garaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseedha.

