ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024
Aadaa, duudhaa, safuu fi eenyummaa uummata Oromoo Walloo dhabamsiisuuf abjuu dhugoomuu hin dandeenye qabatanii halkanii guyyaa kan dhama’an hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon, gochoota jibbisiisoo kanneen akka namoota lubbuu itti mi’eessanii qaluu, maallaqa humnaa olii namoonni kaffaluu hin dandeenye gaafachuu, meeshaalee fageenya deemuu danda’an qe’ee uummata nagaatti darbachuun uummata yaaddoo nageenyaaf saaxilaa jiru.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Tuchee keessatti Caamsaa 30, 2024 toora sa’a 8:00 irratti humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon meeshaalee gurguddaa fageenya irraa qe’ee hawaasaatti dhukaasaniin haadha ilmaanii kan ta’an Aadde Halimaa Sheek Amiin kan jedhaman hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kanaan akka ajjeefaman jiraattotni ganda Tuchee ONM’tti himaniiru.
Akka hawaasni gandichaa jedhanitti humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa kun aduu galgalaa irratti meeshaalee gurguddaa gaara irra baafachuun qe’ee uummataatti sa’atii 8:00 hanga 12:00’tti dhukaasaa turaniin lubbuun haadha ilmaanii kun ba’uu fi qabeenyaan uummataa hedduun hangana jedhamee shallagamuun hin danda’amne manca’ee akka ture himuun, haalli yeroo ammaa hawaasni ganda Tuchee keessatti argaman akkaan yaaddessaa ta’uu dabaluun dubbataniiru.

