Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti, meeshaalee gurgguddaa fageenya irraa qe’ee uummata Oromootti dhukaasaa jiraniin qabeenyaan jiraattotaa  barbadaa’aa jiraachuu maddeen ONM’tti himan


ONM-ABO Ebla 26, 2024

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa  Faannoo ofiin jedhan, duula  duguuggaa Sanyii irra deddeebiin waggoota lamaaf  uummata Oromoo Walloo irratti taasisaa jiraniin namoonni hedduun haala gaddisiisaa ta’een ajjeefamaa, qabeenyaan saamamaa, fi manneen  hawaasaa gubachuun  maatii hedduun manni jireenyaa isaanii jalaa gubachuun jiruu bakkeef saaxilamanii rakkoo hamtuu keessatti argamu.

Haaluma kanaan  Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo Funyaan Sulleetti gaafa Ebla 23, 2024 hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon meeshaalee gurgguddaa fageenya irraa qe’ee uummataatti dhukaasaa turaniin, loon  namoota 3 meeshaalee gurgguddaa hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon dhukaasaa turaniin ajjeefamaniiru.

Namoota loon isaanii humnoota badii Finxaaleeyyii Amaaraa kanaan jalaa ajjeefaman maqaan isaanii Abduu Aliyyii loon 3, Muusaa Aliyyii loon 3, Huseen Saaloo loon 2 waalumaa galatti loon 8 hidhattoota kanaan  jalaa kan ajjeefaman ta’uu jiraattotni himuun,  hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun guyyaa irraa gara guyyaatti meeshaalee gurgguddaa fageenya irraa dhukaasaa jiraniin hawaasa ba’aaf gala dhorkaa jiraachuu fi yeroon kun yeroo uummanni qonna qotatutti,  namoonni hedduun ooyiruun isaanii daangaa Amaaraan waan wal daangessaniif karaa lafa isaanii qotatan dhabuun hedduu rakkachaa akka jiran dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version