Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee keessatti meeshaalee gurgguddaa qe’ee hawaasaatti dhukaasaa jiraniin namni tokko madaa’uun, qabeenyaan jiraattotaas manca’e

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon murna bilxiginnaan tumsamanii akeeka sirna moofaa bakkatti deebisuu qabatanii socho’aa jiran, meeshaalee gurgguddaa fageenya dheeraa deemuu danda’u qe’ee uummataatti dhukaasaa jiraniin lubbuu namootaa fi beelladootaa galafaachaa jiru.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Arxummaa Fursee ganda Ashawaa Luxeetti Caamsaa 3, 2024 ganama sa’a 2:00 irraa eegaluun lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun meeshaalee gurguddaa kanneen akka dishqaa, moortera, PKM fi Isnaayipera fayyadamuun qe’ee hawaasa Oromootti dhukaasaa turaniin namni tokko kan maqaan isaa Ahimed Abbabaa jedhamu madaa’uun, qabeenyaan jiraattotaa loonii fi oomishaaleen garaagaraa barbadaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Akka jiraattotani jedhanitti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun meeshaalee gurguddaa fi humna namaa duubaan waammachaa akka jiranii fi murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha’achuun warraaqsa dhiiga Qeerroo fi Qarreetiin geggeeffamaa ture butuun gara aangoo impaayerattiitti dhufe, humnoota badii Finxaaleeyyii Amaaraa kana ofii waan tumsuuf, yeroo isaan uummata nagaa irratti ajjeechaa, saamicha, buqqaatii fi gubaatii manneenii raawwatan callisee ilaaluun isaa hawaasicha kan gaddisiisee fi Koloneel Abiy Ahimed Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenyes dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version