Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti hawaasa nagaa irratti bananiin namoota 13, ajjeesuun 12, ammoo madeessan

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon murna bilxiginnaan deggeramuun meeshaalee garaagaraa hidhachiifaman, uummata Oromoo daangaa irratti argaman duula sanyii fixiinsaa irratti banuun, ajjeesuu, qabanii ukkaamsuu, qe’ee irraa buqqisuu, saamuu fi manneen irratti gubuun, gochi ilma namaaf hin malle biyyuma abbaa isaanii irratti kanneen akka namoota konkolaataan deemanii riphanii eeguun saanjaadhaan qaama isaanii irraa muruu, lubbuu waliin qabanii ukkaamsuun maallaqa maatiin kafaluu hin dandeenye gaafachuu, meeshaalee gurgguddaa lafa dheeraa deemuu danda’an qe’ee hawaasaatti darbachaa jiraniin lubbuu daa’immanii fi namoota dadhaboo, akkasumas beelladootaa mancaasaa jiraachuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon gaafa Caamsaa 10, 2024 irraa eegaluun hanga Caamsaa 11, 2024 galgala sa’atii 12: 30tti uummata irratti dhukaasaa turaniin namoonni 13 ajjeefamuun 12 ammoo madaa’anii jiraachuu jiraattotni ONMtti himan.

Namoota hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin ajjeefaman kan maqaan nu ga’e Husseen Umar ganda Elemoo, Husseen Kaliilee ganda Elemoo, Husseen Mohammed ganda Elemoo, Mohammed Sheek Hasan ganda Ortaa, Hasan Mohammeed Alii ganda Qalloo, Husseen Mohammeed ganda Ashawaa, Mohammed Hasan ganda Qori Fursee, Hasan Mohammed Alii ganda Uguloo, Mohammed Hasan ganda Ashawaa, Mohammed Araar, Ahimed Useeyyee, Husseen Mohammed Jibriil, kanneen jedhaman yoo ajjeefaman, warrootni madaa’an ammoo Ahimed Shaaroo, Mohammed Siraaj Bulee, Sayid Mohammed Abduu, Yahayyaa Abduu, Yesuuf Ahimed Baharii, Abduu Mohammed Husseen, Husseen Iyyaasoo, Ahimed Guddalee, Ahimed Zarfi, Husseen Yaasee, Mohammed Kabbadaa, kanneen jedhaman ammoo madoo ta’uu isaanii jiraattotani himaniiru.

Murni biyyan bulcha ofiin jedhu bilxiginnaan akka uummanni walitti hin birmanneef karaa hidhuun, aanaa Dawwee Harawaa irraa daandii magaalaa Kamisee geessu waraana isaanii hiisisuun, akkasumas magaalaa Caffaa Roobit keessatti lafa qabatanii uummata walitti birmatu eeguun, qawwee uummatni waan qabu gurguruun bitanii diina isaanii ittiin ofirraa qolachaa jiran irraa guuruun harka duwwaa namoota dhumaa jiruu fi qabeenyaa hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin saamamaa akkasumas reeffa uummata nagaa bakkee keessa ciisaa jiru irraa mana keessanitti deebi’aa jechuun meeshaa irraa guuran.

Lolli humnoota finxaalessaa kanaan baname yeroo ammaas kan hin dhaabbannee fi hidhattootni Finxaaleeyyii kun humna guddaan gara uummata kanaatti wal fe’aa jiraachuu illee jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version