Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti nama tokko ajjeesuun, tokko madeessan

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Safuu, duudhaa fi eenyummaa Oromoota Walloo dhabamsiisuuf rafanii kan hin bulle hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon, yeroo ammaas duula duguuggaa sanyii  hawaasicha irratti bifa qindaa’aa ta’een banuun, namoota nagaa ajjeesaa, madeessaa fi qe’ee irraa buqqisaa jiru.

Guraandhala 9, 2025 aanaa Jiille Dhummuuggaa iddoo Allaala Gama Sukaahee jedhamutti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa lola barii barraaqa irraa eegaluun hanga galgala sa’a 12:00’tti hawaasa nagaa irratti bananiin jiraataan ganda Luugoo maqaan isaa Adam Daammii jedhamu yoo ajjeefamu, namni maqaan isaa Umar Mahaammad Adam Seekoo jedhamu ammoo Dishqaadhaan miilla irra rukutamuun madoo ulfaataan hospitaala seenuu maddeen ifoomsaniiru. 

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen aanichatti erga Gurraandhala 6, 2025 humna guddaan wal gurmeessanii deemuun meeshaalee gurguddaa qe’ee hawaasaa irratti darbachuu eegalanii kaasee miidhaan lubbuu namootaa fi qabeenyaa irratti geessisan jabaachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version