Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaa keessatti lola uummata nagaa irratti bananiin namoota 3 madeessuun himame

ONM-ABO Guraandhala 8, 2025 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Jiille Dhummuuggaa keessatti duula duguuggaa sanyii (genocide) fi saamicha qabeenyaa hamaa raawwachaa kan jiran humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman, gochoota hammeenyaa hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru. 

Guraandhala 7, 2025 aanaa Jiille Dhummuuggaa bakka Gubbaa Waaccuu jedhamuun beekamutti lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon ganama sa’a 12:00 irraa eegaluun hanga galgala sa’a 11:00’tti hawaasa nagaa irratti dhukaasaa oolteen ganda Dullaa irraa Muusaa Umariyyoo miilla irra rukutamuun Mahaammad Umar Ammadee gateettii irra yoo rukutamu, ganda Raaddee irraa ammoo namni maqaan isaa Aliyyii Awwal Abdallaa jedhamu harka irra rukutamee madaa’uu jiraattotni himaniiru.

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen yeroo ammaa humna namaa fi meeshaalee gurguddaa duubaan fudhachaa jiraachuu fi gara fuulduraattis lola hamaa hawaasicha irratti banuuf qophiitti jiraachuu himaniiru. 

Humnoonni badii Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen aanaa Jiille Dhummuuggaa fi aanaa Harxummaa Fursee keessatti akka fakkeenyaatti Mahaammad Siraaj Xiggii dabalatee namoota nagaa hedduu haala suukkaneessaan ajjeesanii kan gatanii fi loon hawaasichaa lakkoofsaan danuu ta’anis saamanii  ooffatanii deemuun ni beekama.

Guraandhala 6, 2025 leellistoonni sirna Minilik hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen aanichumatti dhukaasa hawaasa naannichaa irratti bananii burjaajessaa kan turan ta’uu fi bosonatti ibidda shiduun gubaa turuu isinii gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Exit mobile version