ONM-ABO Bitootessa 14, 2025
Aanaa Harxummaa Fursee karaa Jaarraa bakka Caancoo jedhamutti Bitootessa 12, 2025 hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon uummata Oromoo Walloo soomaa jiru irratti ganama sa’a 4:00 irraa eegaluun hanga waaree booda sa’a 12:00’tti banteen namoonni nagaan 4 yoo ajjeefaman 2 ammoo madoo ulfaataan irra ga’uun ibsameera.
Namoonni hidhattoota badii finxaaleeyyii Amaaraa kanaan ajjeefaman kunneenis;
ganda Harawaacaa irraa:
- Hasan Ahimedii fi Hasan Dabaloo,
ganda Jaarraa irraa ammoo:
- Usiyyoo Adam Aliyyoo fi
- Mahaammad Amaan kanneen jedhaman haala suukkaneessaan yoo ajjeefaman,
shamarreen tokkoo fi dhiirri tokko kan ammaaf maqaan isaanii adda hin baanes madaa’anii jiraachuun beekameera.
Bakki Jaarraa jedhamu kun horsiisee bultoonni aanaa Harxummaa Fursee fi aanaa Jiille Dhummuuggaa gandoota garaa garaa irraa loon achitti godaansisuun kan jiraatan yoo ta’u, hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kunneenis akkuma bartee isaanii hawaasicha yeroo ramadaanaa ajjeesuu aadeffatan riphanii qe’ee hawaasaatti ba’uun ajjeechaa fi madoo erga namoota nagaa irratti raawwataniin booda, loon jiraattotaa kan Uranee guutuu baay’inni isaanii tilmaamaan 300 ol ta’an ooffatanii deemuu ONM jiraattota onichaa irraa qulqulleeffateera.

