Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon duula Sanyii fixiinsaa Oromoota Walloo irratti bananii jiraniin namoonni 9, yoo ajjeefaman 21 madaa’anii jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 21, 2024

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa eenyummaa Oromoota Walloo dhabamsiisuuf, duula bifa qindaa’aan uummata Oromoo irratti, keessattuu Baatii Ramadaanaa kana keessa meeshaalee gurgguddaa fayyadamuun lola hawaasa nagaa irratti taasisaa jiraniin, lubbuun namoota hedduu darbaa fi gubaatii manneenii dabalatee qabeenyaan isaaniis hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa kanaan manca’uu itti fufee jira.

Haaluma kanaan kaleessa Bitootessa 20, 2024 hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kun lola ganaama sa’a 2:00 irraa eegaluun bakka addaa Saden Makkannaa (magaalaa Haxaayyee) jedhamutti hanga galgala 12:00 tti hawaasa Oromoo irratti taasisaa oolaniin namoonni 9 yoo ajjeefaman 21 madoo kan ta’an yoo ta’uu, miidhaa jabaanis uummata irra ga’ee jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Ilmaan Oromoo hidhattoota badii finxaaleeyyii Amaaraa kanaan ajjeefaman kan maqaan nu ga’e muraasni Kaalid Adam Usmaan Daa’ima ganna 7 ganda Jaarraa Waataa, Aliyyi Adam Aliyyi magaalaa Sanbatee, Husseen Aliyyi Muusee ganda Luugoo, Ammadanee Muusaa Hasan Haxaayyee, Huseen Mohammeed Aliyoo, Ahimed Muusaa Hasan, Ibraahim Alii Muusaa, Hasan Adam Siraajuu ganda Jaarraa Waataa, Huseen Mohammeed Aliyyee ganda Zigbaa, Hasan Adam Bilaal ganda Luugoo, Aliyyi Adam Aliyyi ganda Warra Aabboo fi Awwalee kanneen jedhaman yoo ajjeefaman warrootni madaa’an ammoo Hasan Abdallee, Ammee Shaafii, Mohammeed Aliyyii Diimaa ganda Zigbaa irraa kanneen madaa’anii jiran ta’uu ONMtti himaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti lolli hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon uummata Oromoo irratti taasisaa jiran kun lola hamaa ta’uu himuun meeshaan hidhattootni finxaaleessaa Amaaraa kun hawaasa ittiin lolaa jiranis Moortara, Dishqaa, PKM fi isnaayippera fi AKMn uummata irratti haleellaa raawwachaa akka jiranis himaniiru.

Hidhattootni badii finxaaleeyyii Amaaraa kun yeroo ammaas meeshaalee gurgguddaa fi humna namaa dabalataan waammachuun qophiitti jiraachuu jiraattotni himuun, bulchiinsa magaalaa Sanbatee dabalatee caasaan murna bilxiginnaa maqaan isaanii Abdallaa Sheek Ahimed, Umar Sheekichaa, fi Sa’id Aliyyii kanneen jedhaman hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa kanaan wal ta’uun akka hawaasni humnoota badii Finxaaleeyyii Amaaraa kanaan ajjeefamuuf harka lafa jalaan uummata irratti hojjechaa waan jiraniif hojii diinummaa hojjechaa jirtan irraa akka of qusattan kan jedhan jiraattota godina Wallooti.

Exit mobile version