ONM-ABO Guraandhala 28, 2024
Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii duula duguuggaa sanyii Oromoota Walloo irratti irra deddeebiin banaa jiraniin lubbuun namoota hedduu haala suukkanneessaan ajjeefamaa fi qabeenyaan uummtichaa saamamaa qe’ee irraas buqqa’uun yeroo adda addaatti rakkoof saaxilamanii turan har’as itti fufee jira.
Bifuma kanaanis har’a Guraandhala 28, 2024 hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kun dhaadannoo Oromoota Walloo ni balleessinaa magaalaa Kamisee fi Caffaa Roobit ni dhuunfanna jedhuun ba’anii dhukaasa hawaasa Oromoo irratti bananiin namoota hedduu irraan miidhaa ga’uun barameera.
Dhukaasa hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kun namoota nagaa irratti bananiin namni Aliyyii Usumaan Ammee jedhamu jiraataa aanaa Harxummaa Fursee kan ta’e yoo ajjeefamu, Mohammeed Hasan Magaalaa Kamisee ganda 02 Irgii irraa fi Ahimed Sheek Umar, ammoo jiraataa aanuma Harxummaa Fursee kan ta’e madaa’anii jiraachuu isaanii jiraattotni ONMtti himan.
Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun lola Oromoota Walloo irratti irra deddeebiin taasisaa turanii fi har’as itti jiraniin lubbuun namoota hedduu haala suukkanneessaa ta’een darbuunii fi qabeenyi hawaasaas loon 168 dabalatee hidhattoota kanaan samamee turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

