ONM-ABO Bitootessa 1, 2024
Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii duula duguuggaa sanyii Oromoota Walloo irratti irra deddeebiin banaa jiraniin lubbuun namoota hedduu haala suukkanneessaan darbaa fi qabeenyaan uummtichaas saamamaa qe’ee irraa buqqa’uun yeroo ammaa rakkoo adda addaaf saaxilamanii jiru.
Bifuma kanaanis Guraandhala 28, 2024 hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kun dhaadannoo Oromoota Walloo ni balleessinaa Magaalaa Kamisee fi Caffaa Roobit ni dhuunfanna jedhuun ba’anii dhukaasa hawaasa Oromoo irratti bananiin namoota hedduu irraan miidhaa ga’uu maddeen keenya ibsaniiru.
Dhukaasa humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa faannoo kun namoota nagaa irratti bananiinis namni Aliyyi Usumaan Ammee jedhamu aanaa Harxummaa Fursee kan ta’e yoo ajjeefamu namoonni 12, ammoo madaa’an maqaan, isaanis Jamaal Mohammeed Hamzaa, Mahammeed Alii, Huseen Yesuuf, Mohammeed Hasan, Ahimed Shee Umar, Hasan Isaa, Huseen Mohammeed Siraaj,Hasan Abbaa Sayyoo, Ahimed Diimaa, Ahimed Huseen, Aliyyi Huseen, Jamaal Moommee, kanneen jedhaman madaa’anii jiran jechuun jiraattotni ONMtti gabaasaniiru .
Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa faannoo kun lola Oromoota Walloo irratti irra deddeebiin taasisaa turanii fi har’as itti jiraniin lubbuun namoota hedduu haala suukkanneessaa ta’een darbuunii fi qabeenyi hawaasaas loon 168 hidhattoota kanaan saamamee turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

