ONM-ABO Amajjii 19, 2024
Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa duula duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti yeroo hedduu irra deddeebiin banaa jiraniin, lubbuun namoota hedduu dhabamaa fi qabeenyaan uummta oromoo saamamaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Akkuma kanaan Amajjii 13, 2024, kaaba Oromiyaa godina Walloo bakka Jaarraa jedhamutti humnoonni finxaaleeyyii amaaraa faannoon dhukaasa hawaasa Oromoo irratti bananiin shamarran lamaa fi dhiira lama madeessuun loon hawaasaas saaman jechuun maddeen keenya himan.
Namootni mada’aan kunneenis maqaan isaanii Faaxumaa Mohaammed, Buzeyyaan Bashiir Aliyyi, Mohammed Ahimed Fi Yaasin Shee Bashir kanneen jedhamaniidha. guyyuma san loon uummata Oromoo 150 yoo ooffatan, dheengadda jechuunis Amajjii 17, 20224 loon 12 akka ooffatan himuun, kaleessa jechuunis Amajjii 18 loon 6, ooffachuun walumaa galatti loon 168 akka saaman maddeen gamasii ONM dubbise tokko tokko himan.
Murni bilxiginnaa yeroo hidhattootni kunneen uummata irratti ajjeechaa fi saamicha raawwatan, birmannaan inni hawaasa kanaaf taasise akka hin jirre jiraattotni himuun, hidhattootni sirnichaa inumaa ganda uummataa keessa deemuun maqaa deeggertoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun namoota reebaa, hidhaa fi saamaa jira jechuun gochaa kanatti guddoo gadduus addeessaniiru.

