Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa godina Walloo, bakka Jaarraa jedhamutti dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin shamarree tokkoo fi dhiira tokko ajjeesuun, namoota hedduus achi buutee dhabamsiisan

ONM-ABO Guraandhala 13, 2024

Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti irra deddeebiin raawwachaa jiraniin, lubbuun namoota hedduu galaafatamaa fi qabeenyaan uummata Oromoo hidhattoota kanaan saamamaa,turuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo bakka Jaarraa Suuq Diimaa jedhamutti guraandhala 11, 2024 hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kun dhukaasa bananiin namoota lama yoo ajjeesan, gariin jiraatti dhabamsiisanii jiru.

namootni ajjeefaman kunis maqaan isaanii Alii Huseelaa fi Aminaa Abbabbaa kan jedhaman ta’uu kan himan maddeen, loon hawaasaas saamaa turuu dabaluun ibsaniiru.

Hidhattootni kunneen guyyaama namoota kana ajjeesan namoota hedduu qabuun kan ukkaamsan yoo ta’u, isaan keessaa kan ammaaf maqaan nu ga’e Walloo Indiris, ilma isaa wajjiin kan dhabamsiisanii fi namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu achi buutee dhabamsiisuun bakki isaan geessan hin baramin akka jiran maddeen yoo dubbatan, hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa faannoo kun yeroo ammaas uummatichatti duuluuf wal guuraa akka jiran jiraattotni irra deddeebiin dubbatu.

Yeroo ajjeechaan kun hidhattoota kanaan uummata nagaa irratti taasifamu murni maafi’aa PP hawaasa kanaaf birmannaan inni taasise akka hin jirre kan dubbatan maddeen, humnoonni finxaaleyyii Amaaraa kun lola uummata Oromoo irratti irra deddeebiin banaa jiraniin miidhaa fi buqqaatiin hawaasa nagaa irra ga’aa jiru hammaataa dhufuun egereen isaanii yaaddessaa ta’uu dabaluun dubbatan.

Exit mobile version