ONM-ABO Guraandhala 20, 2024
Waggootaaf hidhattoota finxaaleyyii Amaaraan dhiigni ilmaan Oromoo Walloo akka bishaanii dhangala’uu akkuma itti fufetti kan jiru yoo ta’u, Guraandhala 18, 2024 guyyaa Sanbataa gabaa Sanbatee waan ta’eef namoota bittaa fi gurgurtaaf gabaa bu’anii galan hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon konkolaataa irraa namoota jaha buusuun haala suukanneessaan naasuu tokko malee qalaniiru.
namoota kanneen maqaan isaanii ammaaf kan nun geenye yoo ta’u namni, Aliyyi Mohammeed Bashiir jedhamu keessatti kan argamuudha.
Guraandhala 18/ 2024 humnootni finxaaleeyyii Amaaraa kun bakka Allaala jedhamutti dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin namoota hedduu ajjeesuun gariin ammoo madeessanii jiraachuu maddeen himan.
Namoota kanneen keessaa kan maqaan nu ga’e muraasni, Usumaan Adam Aliyoo, yoo ajjeefamu Mohammeed Boorkannoo fi Aliyyi Adam Fiigaa, kanneen jedhaman ammoo madaa’anii jiran jechuun dubbataniiru.
Hidhattootni finxaaleyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii duula duguuggaa sanyii Oromoota Walloo irratti irra deddeebiin banaa jiran kanaanis, miidhaan hanga kana hin jedhamnee fi ajjeechaan suukanneessaan, saamicha qabeenyaa dabalatee uummata Oromoo irratti hidhattoota kanaan raawwachaa turee fi yeroo ammaas kan duraa caalaa daran jabaatee itti fufee jiraachuun kan beekamuudha.

