ONM-ABO Guraandhala 24, 2024
Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa murna ilxiginnaan tumsaman guyyaa irra gara guyyaatti duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Guraandhala 21, 2024 Barsiisota Wallootti Barsiisaa turan shan kan godinaalee adda addaa irraa achitti barsiisaa turan irratti humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa haala sukkanneessan qaqqalanii ajjeesuu jiraattotni himan.
Maqaan barsiisota kanaas Barsiisaa Ahimed Awol, Barsiisaa Tolasaa Kuruu fi barsiisaa Gammachuu Kaasahun kanneen jedhaman ta’uu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti barsiisota lama maqaan isaanii kan hin argamnee fi akkuma arganneen kan isiniif dhiheessinu ta’a.
Akkasuma guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 23, 2024 namoota nagaa saddeet Shawaa Roobiit keessatti konkolaataa irraa buusuun hidhattootni kunneen naasuu tokko malee gochaa suukkanneessaa irratti raawwachuun saanjaan qalanii ajjeesuus dabaluun jiraattotni ibsaniiru.
Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa baroota dhihoo as murna bilxiginnaan tumsamanii akka waan faallaa walii ta’aniitti uummata Oromoo goyyomsuun duguuggaa sanyii hawaasa nagaa irratti irra deddeebiin raawwachaa jiran kan duraa caalaa daraan jabeessanii itti fufuus gochoonni kunneen hawaasa irratti ta’aa jiran ragaadha.
Murni biyya bulchina jedhu bilxiginnaan yeroo humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa kun hawaasa hawaasa nagaa konkolaataa irraa buusuun gochaa suukkanneessaa irratti raawwatan kanas birmannaan inni hawaasa kanaaf taasise akka hin jirre jiraattotni dabaluun dubbachuun haalli yeroo ammaa uummatni Walloo keessa jiru akkaan yaaddessaa ta’uu jiraattotni dabaluun addeessaniiru.

