Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddelleetti barsiisota hidhuu fi hojii irraa ari’uun itti fufe

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Barsiisaan miindaa xiqqaan aarsaa barbaachisu hunda baasee baddaa fi gammoojjii keessa osoo haala mijataa hin filanne sammuu dhalootaa qaruun duula doofummaa balleessuu geggeessuu irratti nuffii tokko malee hojjeta.

Qooda badhaasaa fi kaffaltii olaanaan isaaf kennamuu malu, Oromiyaa godinaalee adda addaa irraa hidhamee, reebamee, arrabsamee, ajjeeffamee, saamamee, hojiirraa dhorkamee obsaan hawaasa tajaajiluun dararaa hamaa dhamdhamaa jira.

Beelaa fi hoongeen waxalamee osoo rakkoolee isa mudataniif harka hin kennin ifaajjii guddaa dhaloota lafaa dhufoof hojjetaa oola. 

Haaluma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaalee hundatti dararaa hamaan barsiisota irra ga’aa jiraachuu ibsuun, aanaa Daaboo Haannaatti kaadiroonni murna  maafiyaa PP waraana itti erguun yeroo adda addaatti barsiisota hidhaa fi doorsisaan hiraarsaa kan jiran ta’uu kan himan barsiisonni, kana duras aanaa kanatti barsiisonni hedduun kan ajjeeffaman ta’uu fi barsiisota aanaa kanaa barsiisan hunda doorsisa irratti  jabeessuu maddeen himan. 

Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Ifa Baas Cooree irraa “hidhata WBO qabda”jechuun barsiisaa maqaan isaa Lataa Oljirraa Bayyaan jedhamu ji’oota 5 dura walga’ii barsiisotaa jechuun waamanii hidhuu kan ibsan barsiisotni yaada nuuf qoodan, barsiisaa Lataan deggeraa qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin taanee fi hojii baruu fi barsiisuu qofa irratti bobba’ee jiraachuu isaa namoonni itti dhiyeenyaan isa beekan himu.

Mana barumsaama kana irraa barsiisota 2 kanneen maqaan isaanii barsiisaa Firoomsaa fi barsiisaa Gaaddisaa jedhaman miindaa irraa dhaabuun hojiirraa ari’anii jiraachuu fi barsiisota mana barumsaa aanichaa hunda doorsisaa kan jiran ta’uu barsiisonni mana barumsichaa ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version