ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa qooda barsiisota dhaloota qaraniif haala mijeessan faallaa kanaa doorsisa, hidhaa, kaffaltii isaan ji’aan argatan irraa dhaabuu fi gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiru.
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa guutummaa isaa keessatti Kaabinoonni PP walii galuun caasaa diriirfatanii bakka hooggantoonni mana barumsaa jiranitti barsiisota doorsisuu fi arrabsuun haamilee isaan lammii barsiisuuf qaban cabsaa jiraachuu barsiisotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Kana malees, aanicha keessatti kaabinoonni PP aangoo isaanii fayyadamuun osoo hoogganaan mana barumsaa hin beekin barsiisota irraa miindaa ji’aa kutaa jiraachuu barsiisonni ONM dubbise himanii jiru.

