ONM-ABO Sadaasa 14, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti itti gaafatamaa waajjira barnootaa aanichaa kan ta’e nama maqaan isa Eebbaa Karrayyuu jedhamu bulchaa aanichaa nama Amaanu’el jedhamu waliin ta’uun barsiisota baay’inni isaanii 39 ta’an manneen barnootaa Ariiyaa Jaawwii fi Guutee jedhaman irraa hojii idilee isaanii irraa arii’yuun barameera.
Maqaa jijjirraa bakkaa jedhuun barsiisota rakkoo fayyaa ulfaataa qaban jechuunis dhukkuboota akka sukkaaraa, onnee fi dhiibbaa dhiigaa qaban osoo ragaa mana yaalaa qabanii bakka fayyaa isaaniif yaaddessaa ta’etti erguun yeroo deemsa didanitti sababa itti barbaaduun hojii irraa ari’uun beelaa fi hiyyummaa hamaaf saaxilaa jiraachuu nuuf eeraniru.
Barsiisota kanneenis hojii idilee isaanii irraa arii’uu bira darbee akka isaan lubbuun jiraatanii icciitii isaanii kana hin saaxilleef jecha mana jireenyaa isaanii duraa diiguunii fi mana kiraa illee akka hin arganne gochuun dorsisa hamaa irraan gahaa jiraachuu maddeen keenya ONMtti himaniiru.
Murna Bilxigginnaa keessatti seer-dhabdummaan akka malee jabaachuu keessa darbee caasaan isaanii gurguddoo qofaan osoo hin taane kaadiroonni sadarkaa gadii illee akkaataa seera mana hojichaatiin alatti nama barbaadan hojiirraa ari’uun nama barbaadan immoo bakka buusanii wanta yaada isaanii dalaguun lammiilee impaayerattii mufii fi dararaa hamaaf saaxilaa jiraachuun ni yaadatama.

