ONM-ABO Muddee 16, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun qabee hidhuu itti fufuun aanaa Diggaa keessatti hojjettoota buufata fayyaa hidhan.
Haala kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa magaalaa Guddattuu Arjoo keessaa torbee darbe Muddee 8, 2023 hogganaa buufata fayyaa Guddattuu Arjoo obbo Lataa Jireenyaa jedhamu qoricha mana kuusaa baastee Waraana Bilisummaa Oromoof laatte jechuun qabanii hidhan.
Hogganaan waajjira faayyaa aanichaa gara buufata Fayyaa dhaquun dhimmicha qoratee rakkoo qorichi hanqachuu yoo ta’e, odiitii goona yeroo jedhutti kun sin galchu jechuun waraanni aanichaa ari’uun ogeessa kana hidhaanii jiru.
Obbo Lataa malees obbo Malkaamuu Moosisaa hojjetaa kutaa kaardiis qabanii yoo hidhan, hojjettuu kutaa qorichaa aaddee Caaltuu Dhugumaa kan jedhamtu ammoo waraanni faashistii PP doorsisa irraan ga’uun barameera.
Aanaa Diggaa buufata fayyaa Guddattuu Arjoo irraa hojjetaa qorichaa Abdiisaa Jireenyaa jedhamu Waraana Bilisummaa Oromoof qoricha baaste jechuun hogganaan humna namaa buufatichaa obbo Alamuu Gannaatii kan jedhaman waraana Abiy Ahimediin itti waamuun reebisan.
Sana booda miidhaa irra ga’een hospitaala Yuunibarsitii Riferaala Wallaggaatti yaalamaa turuun fooyya’ee yeroo deebi’u waraqaa qulqullinaa malee hojii irraa ari’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

