Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti murni Bilxiginnaa barsiisotaan miindaa isin irraa kunna jechuun doorsisaa jiraachuu ONM odeeffate!

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti rakkoo kaadiroonni murna Bilxiginnaa jaallatamummaa fi amanamummaa sirna isaanii biraa argachuuf barsiisota irratti taasisaa jiran jireenya barsiisotaa fi hojii baruu fi bariisuu irratti gufuu ta’aa kan jiru oggaa ta’u, yeroo itti haalli qaala’iinsa jireenyaa harkaa gara afaanii okta’ee jirutti barsiisota irraa miindaa muruuf karoora baafatanii jiru jechuunis barsiisonni onichaa ONM’f eeraniiru.

Keessattuu kaleessa Bitootessa 25, 2025 irraa eegalee hanga miindaa nuti isiniif kaffalutti nu eegaa kanaan achi gaaffii fi hokkora kaasuuf namoonni yaada qabaattan ni ajjeefamtu, kan argattan irraas ni cita jechuun kanneen baadiyyaa fi magaalaa aanichaa irraa barsiisaa jiran waraannii fi kaadiroonni sirnichaa doorsisaa akka turan ibsameera.

Biyyoota guddatanii fi kanneen kabajaa lammiilee qaban biratti barsiisonni kabajamoo fi akka ija beekumsaatiin kan ilaalaman oggaa ta’u, garuu impaayera Itiyoophiyaa keessatti ija jibbaa fi miira tuffiin ilaalamuun waraana sirnichi bobbaasuun sarbamiinsi mirgoota namoomaa irratti raawwachuun hanga lubbuun darbuu fi hojii irraa ari’amuutti ga’anii jiru.

Mataan Bilxiginnaa Abiy Ahimed barsiisaan Ikkoonomist qabeenya abbootii qabeenyaa irratti qoronnoo geggeessee Dooktera ta’a, ofii ammoo manaa fi konkolaataa hin qabu jechuun barnootaa fi beekaan gatii akka hin qabne dubbachuun ni yaadatama.

Exit mobile version