ONM-ABO Bitootessa 14, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa barsiisonni hojii baruu fi barsiisuu magaalota aanichatti dhihoo irraa ka’uun baadiyyaa onichaa keessa socho’uun barsiisan bulchiinsa magaalaa kam irra jiraachuu akka hin qabne ugguruun beekame.
Keessattuu kaleessa Bitootessa 13, 2025 irraa eegalee barsiisaan kamuu naannoo manneen barnootaa isaa jiraachuu akka qabu ajajni itti kennamuus kan himan, kanneen haalli jireenyaa isaaniif hin mijannee fi maatii magaalota irraa qabanis rakkoo keessa jiraachuus ONM odeeffateera.
Akka barsiisaan onichaa maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko yaada isaa ONM’f qoode jedhutti, haalli dhiittaan mirga namoomaa murna garboomfataa PP’n guutuu Oromiyaa keessatti adeemaa jiru egeree barnootaattis bu’uura jireenya namootaafis yaaddoo ta’uu ibsuun, murni Bilxiginnaa impaayerattii of harkaa qabu ija shakkiin barsiisota ilaaluun hidhuu fi ajjeesuu irratti fuulleffatee jiraachuus dubbata.

