Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa ganda tokko irraa baatii tokkoof hojiin baruuf bariisuu addaan citee jiraachuu ONM odeeffate 

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Baatii tokko dura godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Arjoo jedhamu keessaa waraanni maafiyaan PP mooraa mana barumsaatti seenuun bariisota adeemsa baruu fi barsiisuu geggeessaa turan ilmaan waraana Bilisummaa Oromoo barsiisaa jirtu jechuun gara jabinaan barsiisota mooraa sanaa guutummaa irratti reebicha raawwatanii akka turan barsiisaan mooricha keessaa tokko kan maqaan isaa akka eeramu hin feene ONM’ eeree jira.

Manni barumsaa keessatti miidhaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa lukkeelee koloneel Abiy Ahimadiin raawwate kunis mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa  Toleeraa kan jedhamu yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’eettis guutummatti hojiileen baruu fi barsiisuu addaan citee akka jirus itti dabaluun himaniiru.

Akka barsiisaan kun dubbatuttis sababni barsiisonni mooricha seenuu baqataniifis lubbuun jiraachuu isaaniif wabii lubbuu kan isaaniif ta’u dhabuu irraa kan madde oggaa ta’u, murni impaayerattii geggeessaa jirra jedhan kunneen gochoota nuti quba hin qabneen nu  ajjeesuu mala sodaa jedhu qabna jechuunis himaniiru.

Exit mobile version