Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti hidhattootni PP nama nagaa tokko yoo ajjeesan, mana barumsaas mooraa taasifatan

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024 

Gara jabeenyi daangaa darbee fi duguugiinsi sanyii akkasumas macaatiin qabeenyaa hidhattoota garee faashistii PP’n waggoota jahan darbanii asitti Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru godaannisa jabaa yoomuu uummaticha keessaa hin baaneedha.

Impaayera diimokiraasiin afaaniin keessatti lallabamuu fi gochaan hin argamsiifamne keessatti faayidaa aangoo isaanii qofa ilaallachuun uummata gariin ajjeechaan yoo fixan irra guddeessa ammoo qabeenya harkaa saamuu fi gubuun akkasumas manneen barnootaa mooraa waraanaa taasifachuun dhaloota boodaan dhufan doofummaatti hambisaa jiru. 

Bifuma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee jedhamu keessatti Onkoloolessa 18, 2024 uummata nagaa maqaa wal-tajjii baatu jedhuun erga yaasanii booda mana barumsaa Olonkomii sadarkaa 1’ffaa keessa boolla ciisanii ittiin WBO lolan qochisiisuu jiraattonni dubbatu.

Sababa kanaan barattoonni mana barumsaa isaan boolla keessatti qotatanii gara mooraa waraanaatti jijjiirratan kana dhaquu dhiisuun yeroo ammaa sirni baruu fi barsiisuu akka addaan citee jiru barameera.

Aanichuma ganda Birbirsa Guddaa Saaboleetti nama nagaa maqaan isaa Guutaa Badhoo jedhamu sababa tokko malee qabuun gara ganda Hafaa Qamaleetti fiduun gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa illee maatiin akka hin awwaallanne dhorkuu jiraattonni himan. 

Aanaa Dugdaa keessatti gochaawwan hammeenyaa ilmaan Oromoo irratti waraana Bilxiginnaan raawwatamaa jiru jibbuun uummatni baadiyyaa irraa magaalaa aanichaa Maqii fi gara Adaamaatti baqachaa jiraachuun barameera.

Exit mobile version