Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti ajjeechaan waraana maafiyaa PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamu akkaan jabaatee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024 

Maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun kan bobbaafaman loltoonni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo sababa sobaa garaa garaa itti maxxansuun yakka tokko malee ajjeesaa, hidhaa fi saamaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti ajjeechaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuu maddeen eeran.

Aanaa Dugdaa ganda Birbirsa Guddaa Saabolee jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa Guutaa Badhoo jedhamu loltoonni sirnichaa Onkoloolessa 4, 2024 qabuun gara magaalaa Maqii geessuun guyyaa tokko mooraa waraanaa magaalichatti argamu erga tursiisanii booda Onkoloolessa 5, 2024 gara ganda Birbirsa Guddaa Saaboleetti deebisuun halkan sa’a 9:00’tti rasaasa 6 itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dargaggoon kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kaamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa sobaa maqaa ‘Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda’ jedhuun kan ajjeefame ta’uun ibsameera.

Exit mobile version