ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2024
Impaayera gama maraan kufte tiksuuf maqaa duula sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun Oromiyaa kutaalee garaa garaatti kan bobbaafaman waraanni maafiyaa PP, uummata nagaa hiika siyaasaa hin beekne maqaa garaa garaa itti moggaasuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Dugdaa ganda Bayimoo Guusaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 15, 2024 ergamtoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Goobanaa Malkaa jedhamu jalaa badii tokko malee loon 7 ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dabalataan, aanaadhuma kana ganda Birbirsa Guddaa Saabolee jedhamu keessaa Onkoloolessa 16, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Biraanuu Duumessaa jedhamu maanguddoo ganna 80 loltoonni sirnichaa badii tokko malee Saanjaadhaan mataa isaa jigsanii maallaqa Afoosha uummataa isa bira jiru qarshii 25,000 ol saamanii kan jiran yoo ta’u, mucaama isaa kan ta’e nama maqaan isaa Lammii Biraanuu jedhamu jalaa ammoo loon 5 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Yeroo ammaa kana aanicha keessatti Qawwee bitaa WBO lolaa jechuun uummata dararaa kan jiran yoo ta’u, nama tokko irraa dirqamaan qarshii kuma saddeettamaa hanga kuma dhibba lamaatti guuruun Qawwee caccabaa fi boodatti hafaa kennaafii jiru, namoota qarshii kana kaffalanii bitachuu hin dandeenye ammoo hidhaatti guuraa, ajjeesaa akkasumas dararaa ulfaataa irraan ga’aa kan jiran ta’uun ibsameera.

