Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti hidhaa fi saamichi hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo sobaan yakkuun hidhaa, ajjeechaa fi saamicha irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuu maddeen eeran.

Aanaa Dugdaa ganda Birbirsa Guddaa Saabolee jedhamu irraa Onkoloolessa 5, 2024 fi Onkoloolessa 9, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Diittaa Raggasaa, 
  2. Fayisaa Tuushee,
  3. Dabalaa Doonii,
  4. Roobaa Goobanaa,
  5. Korree Raagoo, 
  6. Sooressaa Fittaalaa,
  7. Addisuu Fittaalaa,
  8. Fayisaa Doonii,
  9. Bulloo Tuushee, 
  10. Dabboo Lataa,
  11. Tolaa Taaddalaa,
  12. Caraanaa Seefuu fi kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni Bilxiginnaa dirqamaan qawwee nurraa bitaa WBO lolaa jechuun badii tokko malee qe’ee isaaniitii qabuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu saamichaan ammoo, ganduma kana irraa nama maqaan isaa Diittaa Raggaasaa jedhamu guyyuma kana qabanii erga fuudhanii deemanii booda, qotiyyoo cimdii tokkos jalaa fudhatanii jiraachuun ibsameera.

Dabalataan aanaa Booraa ganda Qorkee Adaamaa jedhamu irraa  Onkoloolessa 9, 2024 nama maqaan isaa Naccoo Guddataa jedhamu jalaa loltoonni sirnichaa Harree 3 fi loon 12 saamanii kan jiran ta’uu maddeen keenya itti dabaluun himaniiru jiru.

Exit mobile version