ONM-ABO Mudde 8, 2023
Gareen maafi’aa PP uummata Oromoo qorqalbii cabsanii bulchuuf duula waraanaa tooftaa godhatanii hojjechaa jiran Muddee 4, 2023 godina baha Shaggar aanaa Booraa fi aanaa dugdaa keessatti namoota nagaa ajjeesuu fi hidhuun uummatni jireenya hadha’aa keessa jiraachaa akka jiran dubbatu.
Hidhaaf gidiraan aanota lamaan kanattii baay’atullee tibba kana kan durii irra bifa adda ta’een namoota nagaa hedduu isaanii badii tokko malee mana hidhaatti guuranii dararaa turan keessaa namoota 4 mana hidhaa aanaa Booraa magaalaa Botee fi aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesan.
Aanaa Booraa ganda Biitee Dhaabaa keessaa manguddoota 2 kan maqaan isaanii Bujee Jaatanii Bacharee umurii 42 fi Biiftuu Dhugoo Bacharee umurii 53 gaafa Muddee 4, 2023 hidhattoota sirnichaan yoo ajjeefaman, aanuma booraa keessaa guyyaa 4, 2023 ganda Maallimaa Barii iddoo addaa kenteri jedhamtu irraa dargaggoota fiilmii laaluf mana DSTV jiran dargaggoota 7 erga hidhaniin booda bifa suukaneessaa ta’een nama lama maqaan isaanii Naccii Foollee umurii 17 fi Badhoo Ifaa Ashamii nama umurii 18 bifa gara jabummaatiin mana hidhaatii baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun daandii High-way mojo-hawaasaa irratti gatan jechuun jiraattotni himu.
Kanneen eenyummaan isaanii barame malee namootni lama kan yeroof eeyummaan isaanii bira hin gaa’amne jiraachuus dabaluun dubbatu.
Waraanni faashistii PP kun aanaa Booraa keessatti ajjeechaa, hidhaa, qabeenya saamuu fi manneen gubuu hojii idilee godhachuun hojjechaa kan jiran yoo ta’u, gocha badii isaanii kana kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuus jiraattotni dabaluun dubbatu.

