Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti manneen jiraattotaa waraana maafi’aa PP’n gubachuun loon hedduu yoo saamaman, magaalaa Maqii keessatti ammoo obboloota Jaal Battee qabanii hidhan

ONM- ABO Ebla 12, 2024

Murni hojii badanii balleessuu hojjechuu irratti argamu bilxiginnaan yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti saamicha, hidhaa fi ajjeechaa labsuun uummata Oromoo hiraarsuu hammeessee jira.

Ebla 10, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Daalotaa Maatii jedhamu keessaa loon jiraattotaa waraana murna faashistii PP’n saamamee jira. Namoota loon jalaa saamame keessaa kan maqaan nu ga’e, obbo Raggaasaa Dagaagaa Hargiisaa loon 23, Dabballee Dagaagaa Hargiisaa loon 25, Ifaa Hayiluu Dagaagaa mana jalaa kan guban yoo ta’u, Shaanqoo Yaa’ii kan jedhamu ammoo sangaa tokko jalaa qalachuun beekameera.

Dabalataanis namoota waraanni faashistii PP reebicha irratti raawwachuun miidhe keessa muraasni Ifaa Birraa Dagaagaa nama umrii 32 fi Bilillee Ifaa Kallachaa shamarree umrii 16 akka ta’e jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti obbolootni Jaal Battee Urgeessaa waraana maafi’aa PP’n sirna awwaalchaa irraa maaliif boossan jechuun qabamanii hidhamuu maddeen himan.

Obbolootni hoogganaa siyaasaa Kibxata darbe galafatamee yeroo ammaa hidhaa jiran kunis dargaggoo Miiloo Urgeessaa Bulaa fi aadde Shimboo Urgeessaa Bulaa kan ta’an yoo ta’u abbaan warraa aadde Shimboo obbo Shubbulaa Odaa torbee darbe qabamanii hanga gabaasni kun qindaa’etti mana hidhaa jiraachuun barameera.

Exit mobile version