ONM-ABO Caamsaa 25, 2024
Magaalota Oromiyaa dabalatee gandoota baadiyyaa adda addaa keeesatti waraana faashistii PP’n sarbamiinsi mirgoota namoomaa lubbuu namootaa fi qabeenya namoota dhuunfaa irratti adeemaa jiru jabaatee itti fufee jiraachuun himama.
Badiilee yeroo ammaa ilmaan Oromoo irratti karaalee waraana faashistii PP’n adeemaa jiruun, lubbuun ol adeemtotaa darbaa kan jiru yemmuu ta’u, Caamsaa 23, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa bakka addaa Gamoo keeesatti namoota lama Shangaa Gadaa fi Darajjee Abarraa halkan irrraa sa’a 7:00 irratti rasaasaan waadanii ajjeesuun beekameera.
Dabalataanis Caamsaa 24, 2024 manneen jiraattoota sagalii waraana sirna PP’n gubachuun qabeenya keessa jiru waliin guutummaatti barbadaa’uun himame.
Namoonni manneen jalaa gubate maqaan isaanii: obbo Buttaa Horaa mana 7, Obbo Baldaa mana 1 fi obbo Abbuu Gadaa jalaa ammoo mana tokko qabeenyaa keessa jiru waliin gubanii barbadeessuun beekameera.
Achuma magaalaa Maqii ganda Waldaa Qal’inaa keessatti dargaggoo Baldaa Tufaa Elemoo, jalaa loon afur waraanni goolessaan bilxiginnaa guyyoota muraasaan dura fudhachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

