ONM-ABO Adoolessa 11, 2024
Impaayera Itoophiyaatti qonnaan bultoonni godinaalee Oromiyaa kallattii hundaan jiran hidhattoota mootummaa abbaa irree bilxiginnaan manni, midhaanii fi qabeenyi irraa gubachaa jiraachuu fi saamichi jabaatee akka jiru dubbatu.
ONM yeroodhaa gara yerootti godinaalee Oromiyaa keessatti qonnaan bultoota mannii fi qabeenyi isaanii hidhattoota koloneel Abiy Ahimediin manca’aa jiru irra deddeebiin dubbisaa jiruun, qonnaan bultoota irratti rakkoon namoomaa jabaatee akka jirus dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti sirni bilxiginnaa gaaffii siyaasaa qaamolee adda addaa isaan mormaa jiran injifachuu dadhabuun maatii qabsaa’otaa fi duula Oromoo balleessuu jedhuun waraana isaa bobbaasee Adooleessa 4, 2024 manneen jiraattota lamaa godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Gaalleetti ibidda itti shiduun qabeenya keessa jiru waliin gubanii barbadessuun ifoomeera.
Maatiin manneen isaanii jalaa gubate maqaan isaanii Obbo Abbuu Beenyaa fi Obbo Malkaatoo Ayyaanoo oggaa ta’u, ilmaan isaanii yeroo ammaa waqtii gannaa ooyiruu dalagachuu qabanitti jireenya godaansaaf saaxilamanii jiraachuu dabaluun ONM ifoomsaniiru.

